Telegram Group Search
Soomana Arrabaa.

#Qaamman Ramadaana keessaa haalaan soomanu qaban keessaa tokko Arraba teenya.

Ergamaan Rabbii ﷺ namoonni heddu sababa Arrabaatiin ibidda seenuu isaanii nutti himanii jiran.

#Kanaafuu Arrabni keenya hammeenya akka hin dubbinne eeguu qabna.

#Namni Arraba isaatiin Rabbii isaa yaadatee, zikrii ittiin godhee, tola Rabbi isatti oole ittiin galatoomfatee, toltuu namaa haasawe, nama karaa qajeelatti waame, ee waa milkaaye.

Namni Arraba isaatiin hammeenya dubbatee, kijibee, ittiin hamate, kasaaraa guddoo kasaare.

#Kanaafuu Arraba keenya bishaan dhabuun goggoge daran
dubbii jibbima ittiin dubbannee isa goggossuu irraa haa fagaannu.

Sanirra zikrii Rabbii ittiin goonee isa haa jiisnu.

#Allaahumma salli wa sallim Alaa sayyidinaa Muhammed.

#Yaa Rabbi Arraba gaarii dubbatu
Qalbii gaarii yaaddu Nuu badhaasi.
🪙 Copha Surrii: RAKKOO FI FURMAATA

෴෴෴෴෴෴෴෴෴
Hammi 1.2 MB
🎵 Daqiiqaa 5:09
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
#Ramadaanni keessummaa Ariifataadhaa.

#Baga geessan osoo jennee hin fixatin, walakkaan geenyee, hirdhachaa dhufee amma xumuuruuf deemaa jirra.

#Nuti hoo ibaadaan dabalaa jirra moo akkami?

#Buliiwwan muraasa hafte tana, dalagaa keeyrii keessatti dabalaachaa haa deemnu."

Ramadaanni Ji'a Araaramaati.

#ﺭﻏِﻢَ ﺃَﻧﻒُ ﺭﺟﻞٍ ﺫُﻛِﺮﺕُ ﻋﻨﺪَﻩُ ﻓﻠﻢ ﻳﺼﻞِّ ﻋﻠﻲَّ ،ﻭﺭَﻏِﻢَ ﺃﻧﻒُ ﺭﺟﻞٍ ﺩﺧﻞَ ﻋﻠَﻴﻪِ ﺭﻣﻀﺎﻥُ ﺛﻢَّ ﺍﻧﺴﻠﺦَ ﻗﺒﻞَ ﺃﻥ ﻳُﻐﻔَﺮَ ﻟَﻪُ ، ﻭﺭﻏﻢَ ﺃﻧﻒُ ﺭﺟﻞٍ ﺃﺩﺭَﻙَ ﻋﻨﺪَﻩُ ﺃﺑﻮﺍﻩُ ﺍﻟﻜﺒﺮَ ﻓﻠﻢ ﻳُﺪْﺧِﻼﻩُ ﺍﻟﺠﻨَّﺔَ . ﺍﻟﺮﺍﻭﻱ : ﺃﺑﻮ ﻫﺮﻳﺮﺓ

Hadiissati "...Nama ramadaanni isarra dhufee osoo dilii isaatiif araarama hin argatin irra lufe/darbe abaarsi/salphinni isaa sabate..."

#Yaa rabbi warra salphinnii fi abaarsi isaa sabatuu mitii, warra milkiin isaaniif sabattu nu taasisi. Amiin
#Sagada Sunnaa:

#Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wa sallam guyyaa hunda sagada fardii hin ta’in raka’aa kudha lama sagadaa akka turan mirkanaa’ee jira. Isaanis:

#Raka’aan lama sagada subhii dura.
Raka’aan afur zuhrii dura, lama ammoo zuhrii booda.

#Raka’aa lama maghriiba booda,

#Raka’aan lama ishaa’ii booda.

#Salaatonni sunnaa kan biraas isaan irraa
argameera.

#Isaan keessaa raka’aa afur zuhrii, asrii fi jum’aa dura; afur ammoo
zuhrii, maghriiba fi Ishaa’ii booda;

#Raka’aa lama azaana maghriibaa booda;
raka’aa lama witrii booda.

Maddi :
#tafseer.com Rabbi nuu haa laaffisu.
#Sujuuda Tilaawaa/Sajadaa.

#sajdaan, Qur'aana keessa iddoo 15 jira. Isiin sujuuduun sunnaadha.

#Sajadaan gosa lama

#Gosti tokko kan Rabbiin waa'ee sujuuda Umamtootaa isaa dimshaashaafi kophaan ibsuudha, kanaaf ammoo namni qara'aa jiru kunis isaanitti fakkaachuuf jecha sujuuda gochuu qaba. #Fkn:
‏( ﻭَﻟِﻠَّﻪِ ﻳَﺴﺠُﺪُ ﻣَﻦ ﻓِﻲ ﺍﻟﺴَّﻤﺎﻭﺍﺕِ ﻭَﺍﻷَﺭﺽ

#Gosti lammaffaa ammoo Aayaata Akka Rabbiif sujuudan ajajjuudha, Namni qara'u kunis Rabbii isaatiif ajajameera jechuun sujuuda. #Fkn:
( ﻳَﺎ ﺃَﻳُّﻬَﺎ ﺍﻟَّﺬِﻳﻦَ ﺁﻣَﻨُﻮﺍ ﺍﺭْﻛَﻌُﻮﺍ ﻭَﺍﺳْﺠُﺪُﻭﺍ

#Hoggaa imaamni salaata keessa sajadaa bu'e, namni duubaan itti hidhatee salaatu sunis imaamicha hordofuu qaba.

#Yoo kan imaamni salaata keessa sujuuda tilaawaa/sajadaa bu'e, namni itti hidhatee salaatu sun ammoo rukuu'a sehee bu'e, hogguma imaamni "Allaahu akbar" jedhu dhagahe. maal gochuu qaba?

#iddoma jiru irraa imaamticha hordofuu qaba, yoo rukuu'a irra ture ol deebi'ee bakkuma imaamni jiruu itti fufuu qaba, sujuuda sahwii wanni bu'uufis hin jiru.

Maddi keenya.
1🔗, 2🔗
Hiikkaa Qur’aanaa Suuraa Al Qadr 97
#Hiikkaa Qur’aanaa Suuraa Al Qadr

🎙Sh/Rashaad 1.5 MB 🎵 6:11

📜【BOQONNAA MURTEE】📜

० بسم الله الرحمن الرحيم

#Maqaa Rabbii Arrahmaan, Arrahiim ta'eenin (jalqaba)

1 ) إِنَّا أَنزَلْنَاهُ فِي لَيْلَةِ الْقَدْر
#Nuti halkan murtii keessa isa(qur'aana) buufne.}

2) وَمَا أَدْرَاكَ مَا لَيْلَةُ الْقَدْرِ

#halkan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise? }

3) لَيْلَةُ الْقَدْرِ خَيْرٌ مِّنْ أَلْفِ شَهْرٍ

#halkan murtii ji'oota kuma irra caalti.

4) تَنَزَّلُ الْمَلائِكَةُ وَالرُّوحُ فِيهَا بِإِذْن
ِ رَبِّهِم مِّن كُلِّ أَمْرٍ

#Maleeykonnii fi Hafuurichi (Jibriil) isii keessa hayyama Gooftaa isaanitiin ajaja hunda irraa (qabatanii) bu'u.}

5) سَلامٌ هِيَ حَتَّى مَطْلَعِ الْفَجْرِ

#isiin (halkan murtii) hanga ifti barii (fajriin) ba'utti nagaa taati (sheeyxaanni isii keessatti sharrii (miidhaa) dalaguu hin danda'u. }

#Ji'oota kuma caalti: kana jechuun ibaadaan halkan sana keessa hojjatamu ibaadaa ji'oota kuma yookaan waggoota 83 ol hojjatamu irra caalmaa qaba jechuudha. rabbi nu haa milkeessu.
#Eenyutu Leylatul Qadriin argata?!
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Guyyaa sana beekuuf beekuu dhabuu miti dubbiin, Kurnan xumuuraa keeyritti cimuudha malee.

#Namni halkan san niyyaa tolfatee tattaafate kamuu badhaasa kana ni goonfata!

#Dhukkubsataan hospitaala siree gubbaa jirus.

#Imalaan imala irra jirus Namuu bakka jirutti halkan kana zikrii fii waan shari'aan hojjachuu isaaf hayyamte yoo hojjate ni argata!

#Halkan kana maaltu hojjatama?!
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Salaata (Magribarraa qabee hanga subhiitti,salaata sunnaalees)
#Qur'aaana qara'uu
#Zikrii heddummeessuu.
#Sadaqaa kennachuu.

#wanta keyri jedhame, hundaa hanga danda'ameen godhuu dha!

Du'aa'ii halkan leeylatal qadrii jedhamtu
ाााााााााााााााााााााााााााााााााााा

سألَتْهُ صلى اللهُ عليهِ وسلَّمَ عائشةُ رضي الله عنها : إنْ وافقتُها فبِمَ أدعو؟ قال قولي : اللهمَّ إنك عفوٌ تحبُّ العفوَ فاعفُ عني.

🏷Allaahumma innaka afuwwun, tu hibbu al-afwa fa'afu annii.

Yaa rabbii kiyya ati irra namaaf dabraadha, irra namaaf dabruus jaallatta, irra naa darbi.
📖 Qur'aanni halkan murtii( halkan leeylatal qadrii) keessa buufame jechuun: akkami?
ाााााााााााााााााााााााााााााााााााा

1• Qur'aanni halkan leeylatul qadrii sana keessa yeroo jalqabaaf buufame.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

2• Qur'aanni kun waliigala/hunduma isaa loowhal-mahfuuz irraa fuudhamee halkan darajaa/gatii guddoo qabdu keessa samii lafatti gadi aantutti buufmee, achirraa hanga amata 23 keessatti ergamaa keenya muhaamad (salallaahu aleeyhi wa sallam) irratti xiqqo xiqqoon buufme.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
【ﻭﻗﺎﻝ ﺍﺑﻦ ﻋﺒﺎﺱ (r.a) ﻭﺟﻤﺎﻋﺔ : ﺇﻧﻪ ﺃﻧﺰﻝ ﺇﻟﻰ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻓﻲ ﺭﻣﻀﺎﻥ ﻓﻲ ﻟﻴﻠﺔ ﺍﻟﻘﺪﺭ، ﺇﻟﻰ ﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ ﺑﻴﺖ ﻓﻲ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻳﻘﺎﻝ ﻟﻪ : ﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ، ﻭﻛﻞ ﺳﻤﺎﺀ ﻓﻴﻬﺎ ﺑﻴﺖ ﻟﻠﻤﻼﺋﻜﺔ ﻳﺘﻌﺒﺪﻭﻥ ﻓﻴﻪ، ﻭﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ ﺑﻴﺖ ﻓﻲ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻳﺘﻌﺒﺪ ﻓﻴﻪ ﺍﻟﻤﻼﺋﻜﺔ،.......】
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
🖇Dabalataaf:-
https://binbaz.org.sa/fatwas/15369/تفسير-قوله-تعالى-انا-انزلناه-في-ليلة-القدر
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Yaa rabbii keenna ati irra namaaf dabraadha, irra namaaf dabruus jaallatta, irra nuu darbi.
Dhaamsa Iidaa Shk Amin Ibro
TvIslaamaa
Dhaamsa Iidaa Shk Amin Ibro

🍿 TvIslaamaa | YouTube link
https://youtu.be/HMnqViUZSbk

#iida Ramadaan dabrsine nu jalaa balleessu osoo hin taanee, iida sunnaa rasuulaa hordofe gaggeeffachuuf.
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
Hammi 6.9 MB
🎙 Daqiiqaa 51:47
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
Zakaata_fixrii.pdf
822.8 KB
🔘 Dokmantii gabaabdu,
waa'ee zakaata fixrii dubbattu tana xinnoos ta'u isin fayyaddi buufadhaa, maddota amanamoo irraa kan walitti qabneedha.
෴෴෴෴෴෴෴෴
Fatwaalees ni qaba, kan fixriidhan wal qabatu.
Baga rabbiin iid Al-fitr kan bara 1444ffaatiin isin gahe.

Islaamni bahaa dhihaa, kaabaa kibba jirtan hundi rabbiin keeyrii ramadaana dabree nurraa qeebalee, kan bara dhufuu gammachuuf jaalalaan nuun haa gahu.

عيد مبارك!

تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال كل عام وأنتم بخير
🔘 Gaafiif deebii waa'ee soomana bulii 6(jahan), kan ji'a shawwaal.
――――――――――――――――――
① Hukmiin isaa maali? sunnaa jaalatamaadha.

② buliin jahan kun murtaa'aadhaa? Lakkii buliin kunniin baati shawwaal 29/30 keessaa kan inni hin soomanamne gaafa tokko jedhu sana qofa jechuunis gaafa guyyaa iidaa sana qofa malee buliiwwan hafan kaanniin keessaa jechuunis shawwaal gaafa bulii lamaffa irraa kaasee guyyaa jaha walitti aansees addaan babaasees soomuu ni danda'a. Ammoo osoo booduma iidaatii bulii jahan walitti aanan osoo somane gaariidha.

③ Namni qadaan soomana waajibaa irra jiru ajrii kana saamachuuf yoo dursa buliwwan shawwaal tana soome ni tahaa? Hin ta'u maaf jennaan jechuma rasuulaa (s.a.w) irraayyu hogga kaanu" Namni ramadana soomee ergasii shawwaal hordofsiise..." jedhan. Lammaffaa deeynii kaffaluun dirqama soomanni ramadaan deeynii rabbiiti dursa deeynii kaffalaniit sunnaa itti aansan.

④ Qadaa Soomana dirqamaatiifi soomana shawwaal guyyama tokkotti walitti qabee yoo niyyate ni ta'aa? Hin ta'u niyyaa qadaa'aa fi niyyaa sunnaa walitti qabuun.

⑤ Namni tokko erga fajriin bahee soomana shawwaal kana nan soomana jedhee yoo niyyatte akkami? Soomana sunnaa keessatti yoo namni sun waa hin nyaatin takkaa waan soomana jalaa balleessu hin raawwatin erga biiftuun baate boodas nan soomana jedhee yoo niyyatee soome rakkoo hin qabu. soomana waajibaaf ammoo niyyaan fajrii dura.

⑥Ajriin soomana bulii jahan baatii shawwaala maali? Ajrii gurguddaa qaba, isaan keessaa kan rasuulli s.a.w hadiisaan nuuf ibsan,
~kan abbaan ayyuub al ansaariin nuuf dabarseen"Ergamaan Rabbii (s.a.w) ni jedhan: "Namni Ramadaana soomee ergasii Shawwaal irraa guyyaa jaha isa hordofsiise akka waan waggaa guutuu soomee ta'a. Muslimtu gabaase.
~bakka hanqinni waajibaa keessatti jiru siif guutti: guyyaa qiyaamaa rabbiin (s.w) wanti jalqaba gabarroottan isaa hisaabuu salaata yoo salaanni wajibaa miizaana hin guutiniif malaa'ikaa isaa ajaja akka sunnaawwan isaa ilaalani bakka hanqina waajibaa sana guuttuuf.

※ mallattoo keeyriin kan kee itti fufiinsa qabaachuu fi soomanni kan kee darbees Yoo rabbiin fedhe sirraa jaalatamuu siif taati.

"Walumaa galatti soomanni bulii jahan ji'a shawwaal kan sadarkaa hedduu fi ajrii guddaa qabu waan ta'eef dhiiras ta'e dubartii namni soomanuu dandenyu haa soomannun dhaamsa keenya".

※Yaa rabbi soomanuu nuuf laaffisi, kan soomnes nurraa qeebali. Aamiin.

∴maddoota website islama kanniin daawwadha: ¹
https://mawdoo3.com/فضل_صيام_6_أيام_من_شوال
²
https://binbaz.org.sa/fatwas/12637/لا-يشترط-التتابع-في-صيام-ست-شوال
Fazakkir / yaadachiisi
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
#Waa'ee Ni'imaa/Qananii fayyaa Hadiisaan

ﻗﺎﻝ ﺭﺳﻮﻝ ﺍﻟﻠﻪ " ﷺ"
Ergamaan rabbii ﷺ akkana jedhan.

‏« ﻣﻦ ﺃﺻﺒﺢ ﻣﻨﻜﻢ ﺁﻣﻨﺎ ﻓﻲ ﺳﺮﺑﻪ ﻣﻌﺎﻓﻰ ﻓﻲ ﺟﺴﺪﻩ ﻋﻨﺪﻩ ﻗﻮﺕ ﻳﻮﻣﻪ ﻓﻜﺄﻧﻤﺎ ﺣﻴﺰﺕ ﻟﻪ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ "

"isinirraa namni bariisifate maatii isaa keessatti nagayan, kan qaamni isaa fayyaa, Kan nyaata guyyaa sanii qabu bariisifate akka waan duniyaan hundi walitti isaa qabamteeti".
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

ﻧﻌﻤﺘﺎﻥ ﻣﻐﺒﻮﻥ ﻓﻴﻬﻤﺎ ﻛﺜﻴﺮ ﻣﻦ ﺍﻟﻨﺎﺱ: ﺍﻟﺼﺤﺔ، ﻭﺍﻟﻔﺮﺍﻍ

#Ni'imaa ykn qanannii lama hedduun ilma namaa irraa dagame, Yeroo fi fayyaadhaa.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
‏( ﺍﻏْﺘَﻨِﻢْ ﺧَﻤْﺴًﺎ ﻗﺒﻞَ ﺧَﻤْﺲٍ : ﺷَﺒﺎﺑَﻚَ ﻗﺒﻞَ
ﻫِﺮَﻣِﻚَ، ﻭﺻِﺤَّﺘَﻚَ ﻗﺒﻞَ ﺳَﻘَﻤِﻚَ، ﻭﻏِﻨﺎﻙَ ﻗﺒﻞَ ﻓَﻘْﺮِﻙَ، ﻭﻓَﺮَﺍﻏَﻚَ ﻗﺒﻞَ ﺷُﻐْﻠِﻚَ، ﻭﺣَﻴﺎﺗَﻚَ ﻗﺒﻞَ ﻣَﻮْﺗِﻚَ

Waa shan waa shan dura saamadhu.

~Dargaggummaa kee dullummaan duratti.

~Fayyaa kee dhukkubasatuun duratti.

~Durummaa kee hiyyumaan duratti.

~Yeroo boqqoonaa kee shaagalamuun duratti.

~Jiruu kee du'a dura saamadhu jedhan.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
#Guyyaa Arafaa.

#Warri hajjii irra jiru, Guyyaa 9ffaa aduun
bahuurraa kaasee Gara Arafaa deemee sagada zuhuriifi asrii walitti cimdeessee gaggabaabsee erga sagadee booda hanga aduun seentutti du'aa'ii kadhata.

#Erga aduun seentee booda Gara muzdalifaa deemee achitti maghribaa fi ishaa'ii walitti qabee gabaabsee sagadee, achuma bulee hanga lafti bari'utti tura yoo erga walakkaan halkanii darbee boda achirraa deema yookaa ni bula.

#Guyyaan Arafaa nama hajjirra jiruufi kaanifis.

• Guyyaa diliin namarraa haqamtu.

• Guyyaa gabroottan Rabbii hedduminaan
ibiddarraa bilisoomani.

•Guyyaa du'aa'iin isa keessaa hunda caaltu. Irra caalaan du'aa'ii (laa ilaaha illallahu wahdahuu, laa sharika lahuu, lahulmulku wa lahulhamdu, wahuwa ala kulli shey'in qadir).

•Guyyaa isa keessatti Rabbiin diin islaamaa nuu guute.

•Soomanni isaa badii waggaa lamaa tan
dabarteefii tan dhuftu namarraa haqa (warra hajitti hin jirreef barbaachisaadha).

• Guyyaa Rabbiin gabroottan isaatiin
malaaykatti dhaadatu.
#Istaatistiksiin Hajjii bara 1,444 H. [2023] akka garsiisutti Hujjaajota Miliyoon 1.8 ol biyyoota 150 irraa akka hirmaatan Ministirri Hajjii fi Umraa Sa’uudii ibsaniiru jedhame.

#Qondaaltonni mootummaa Sa’uudii sirni bara kanaa irratti hujjaajota miiliyoona 2.5 ol akka hirmaachuu akka malan tilmaamanii turan.

#Gara miliyoon 1 kan dhihaatan Ardii Eeshiyaa keeysa hoggaa tayu biyyoota Arbaa dabalatee, Ardii Africa irraa biyyota Arabaa malee 222,863 akkasuma kanneen hafan Ardiilee biroo irraa tayuu alarabiya.net ni ibsa.

Baay'inni hujjajota bara kanaa danuu tayuufi baroota as aanan sadeen [10,000 <59,000 <926,000] irraas fooyyee guddaa agrsiisuu isaatu himama bara 2020 yeroo covid hujjaajota 10,000 qofaaf hayyamni kennamuun ni yaadatama.

#Hajjiin utubaawwan Islaamaa shanan keessaa tokko yoo ta’u, Muslimoonni yoo xiqqaate jireenya isaanii keessatti al tokko hajjii raawwachuuf gara Makkaah imalu.
#Qissaa Nabi Idriis aleeyhi salaam.

#Ummata isaa salaatatti ajajuu ture, Ammallee zakaata baafatu'utti gorsuu ture. Inni Rabbi isaa biratti jaalatamaadha.

#Inni nama dhugaa keessa hoonga gaye nabiyyi'i, Rabbiin Bakka isaa ol fuudheee jira samii torbanitti ykn afreessa'atti ykn jannatatti ol fuudhee jira eega du'ee jiraachisee.

#Akka ulamaan je'anitti anbiya'arraa namni afur nama jiru lama lafarra jiran: khadiirifii, ilyaasi. lama samii keessa jiran: iisa'aafii Idriisi. idriis samii afreessa'aa, keessa jira idriis abaabiyyee {nuuhi} .

#Idriis nama dura dursoo eega {aadamii} ergame, inni nama dura dursoo : qalamaan waa katabe kan dura dursoo huccuu hodhe, kan dura dursoo miya lolaa tolfate kan beekkomsa urji'iitifii hisaabaa qabu.

#Wanni idriis isaan je'aniinif isaatu darasaa, dura dursoo, kitaaba qaraate jecha'aafi Anbiyoota Rabbiin isaan badhaase qananiise keessaa tokko. Isaan warra qajeelchamanii anbiyyumma'aaf maraxamani.

#Tafsir_Dr_Muhammed_Rashad_rahimahullah
#Toltuu hojjedhaa, akka milkooftaniif.
"وَٱفْعَلُوا۟ ٱلْخَيْرَ لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ۩"

#Yaa warra Rabbitti amane, ruku'a godhaa, ammallee sujuuda, salaataa, Rabbii keessan ibaadaa, Waan kheyrii taye dalagaa, kan akka rahima maxxanfatuu, haala toluu, Akka milkooytanii jannata haqa godhattaniif.

Diin Rabbii jabeessa, qabsoo godhaa, Rabbiitu isin filatee ummata jiddu jireysa isin godhe, akka diin isaa jebeessitanif.

#Jihaanni gosa lama, Tokko Jihaada xiqqaa, tokko Jihaada gudda'aa.

#Xiqqaan: jihaada kuffaarati, akkaatan jihaada isaanii beekkamaa sun humna isaanin sodaachisan qabaatuu.

#Jihaada guddaan: jihaada nabsee, hawaafi, sheyxaanati, akkaatan jihaada kanaa waan nabseen itti nama yaamtu diduu, jihaanni kuffaaraa wanni xiqqaa je'ameef:

-Lolli kuffaaraa ni dhuma kuun hin dhumu.

-Kuffaarri yoo si mooyate si ajjeese, jannata seenta ammoo yoo nabseen tee si mooyattee si ajjeefte ibidda seenta.

-Ammas kuffaarri diina mul'ataa kuun dhokataa, diina mul'atuun loluutu, kan hin mul'anneen lolurraa laafaa.
#Muharram seene Barri Hijrii Haaraan 1445. Allah's Messenger ﷺ used to recite the following dua sighing the new moon.

اَللّٰهُ أَكْبَرُ، اَللّٰهُمَّ أَهِلَّهُ عَلَيْنَا بِالْأَمْنِ وَالْإِيْمَانِ، وَالسَّلَامَةِ وَالْإِسْلَامِ، وَالتَّوْفِيْقِ لِمَا تُحِبُّ رَبَّنَا وَتَرْضَى.....

#IslamicYear #HijriCalendar #1445AH #NewMoonDua #GTAF
2024/05/26 11:39:13
Back to Top
HTML Embed Code: